My360 Helper


Hidda Dhaloota Yesuus Kiristoos

1:1‑17 kwf – Luq 3:23‑38

1:3‑6 kwf – Rut 4:18‑22

1:7‑11 kwf – 1Sn 3:10‑17

1Hiddi dhaloota Yesuus Kiristoos sanyii Daawit, sanyii Abrahaam taʼe sanaa kanaa dha:

2Abrahaam Yisihaaqin dhalche;

Yisihaaq Yaaqoobin dhalche;

Yaaqoob Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;

3Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche;

Faares Hezroonin dhalche;

Hezroon Arraamin dhalche;

4Arraam Amiinaadaabin dhalche;

Abiinaadaab Nahishoonin dhalche;

Nahishoon Salmoonin dhalche;

5Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche;

Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche;

Yoobeed Isseeyin dhalche;

6Isseey Daawit Mooticha dhalche.

Daawit niitii Uuriyaa irraa Solomoonin dhalche;

7Solomoon Rehooboʼaamin dhalche;

Rehooboʼaam Abiyaa dhalche;

Abiyaan Asaafin dhalche;

8Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche;

Yehooshaafaax Yehooraamin dhalche;

Yehooraam Uziyaan dhalche;

9Uziyaan Yootaamin dhalche;

Yootaam Akaazin dhalche;

Akaaz Hisqiyaasin dhalche;

10Hisqiyaas Minaasee dhalche;

Minaaseen Aamoonin dhalche;

Aamoon Yosiyaasin dhalche;

11Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.

12Boojuu Baabilon booddee,

Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche;

Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;

13Zarubaabel Abiyuudin dhalche;

Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche;

Eliyaaqeem Azoorin dhalche;

14Azoor Zaadoqin dhalche;

Zaadoq Akiimin dhalche;

Akiim Eliyuudin dhalche;

15Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche;

Eleʼaazaar Maattaanin dhalche;

Maattaan Yaaqoobin dhalche;

16Yaaqoob Yoosefin dhalche; Yoosef kunis dhirsa Maariyaam ishee Yesuus isa Kiristoos jedhamu deesse sanaa ti.

17Egaa walumaa galatti Abrahaamii hamma Daawititti dhaloota kudha afur, Daawitii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Kiristoosiitti dhaloota kudha afurtu ture.

Dhalachuu Yesuus Kiristoos

18Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. 19Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.

20Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. 21Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”

22Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. 23Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Waaqni nu wajjin jira” jechuu dha.

24Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. 25Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Yesuus” jedhee moggaase.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.